Premium Only Content

Namootni jireenya keessatti gosti sadii ni dhufu,
Namooni jireenya namaa keessa (nama faana turan ) gosa saditu jira
1. Nama akka baala mukaa (leaf people)
2. Nama akka damee mukaa(branch people)
3. Nama akka hundee hundee (root people)
Dhalli namaa uumama addunyaa kana irraa wanti adda isa godhu yoo jiraate dandeettii yaaduufi xinxaluu danda'uu isaati. Gaafaan akkas jedhu namoonni kennaa kanattihin fayyadamne hin jiran jechuu koo miti. Kannee osoo fageessanii yaaduu danda'anuu of jala ilaalanis hin dhiban. Egaa jiree ya isaa keessatti namni kamuu haadhaf abbaa isaa irraa eegalee namoota gara garaa faana wal bara. Namni akkuma bifa isaa amala gara garaa qabachuun isaas kenna dhuma uumati. Namoonni nuti ittiin wal barru immoo gosa sadiitu jira.
1ffaa. Nama akka baala mukaa (leaf people)
Namoonni gosa kanaa kannee gara jireenya kee kan dhufan haala ilaalaniiti. Tasuma isaan irratti hirkachuu hin dandeessu sababiin isaas haalan dhufan haalanis si gatu. Egaa mukkeen naannoo keenya yemmuu ganna ykn bishaan argatan ni lalisu, ni bareedu. Garuu yoo bonni dhufe, yookis immoo bubbee hamaan dhufe ni harca'u ni gogu ni badus. Egaa namoonni tokko tokko akka kana. Namoota akkanaa irraa of eeggachuu qabda, yemmuu haalli mijatu sifaana jiraatu si jaalatu haalli rakkisaan yoo dhufe si gatanii baqatu.
2ffaa Nama akka damee mukaa (branch people)
Namoonni kun hamma ta'e tokko cimoodha garuu of eeggannoo si barbaachisa. Yemmuu jireenyi garmalee itti cime sirraa adda bahuu danda'u sababni isaas rakkina cimaa keessatti sifaana ta'u hin danda'an. Isaan illee yeroo murtaa'adhaaf sifaana turu danda'u, garuu yoo haalli itti cime si dhiisanii sokku. Kana immoo damee mukaa irra ilaaluu dandeenya. Hamma ulfaatinni isaa dandeetti isaati ol ta'utti waan ulfaataa baachuu danda'a. Garuu yoo hamma inni baatuu ol itti ta'e foxxoqa(caba.
3ffaa Nama akka hundee mukaa (root people)
Namoonni gosa kanaa nama baay'ee barbaachisoodha sababni isaa wanta raawwatan kamiyyuu ifatti akka mul'atuuf yookiin mul'achuuf hin raawwatan. Isaan yeroo hunduma sifaana ta'u, si gargaaru. Haalli cimaan kamiyyu yoo si muudate si gatanii hin deeman siifana rakkatu. Haalan hin geeddaraman, dhugumaan si jaalatu. Egaa hundeen osoo hin jiraanne Mukkeen naannoo keenyaa akkasittiin hin bareedan ture.
Kanaaf namoonni gara jireenya keenyaa dhufan hundi nu faana hin turan namoota akka hundee mukaa(root people) irraa kan hafe.
Barreeffama koo baacoo tokkonan isiniif xummura.
Hiriyoota lama turan baay'ee wal jaalatu, waliiti dhiyaatus. Yeroo hundumaa waan waliin dabarsaniif yoo wanti fedhe dhufeyyuu wal gatanii akka hin dheessine irra deebiin dhugaa waliif ba'u turan. Guyyoota keessa guyyaa tokko bashannanaaf gara bosona naannoo isaanii jirutti waliin adeeman. Lamaa isaanii osoo wal hammatanii wal bukkee adeemanuu bineensi Amaaqexa jedhamu beela'ee nyaata barbaacha osoo adeemu isaanitti dhufe. Yemmuu kana lamaan isaaniyyu rifaatun hamma miilli isaanii danda'e fiiganiyyuu inni tokko muka jalaa kore, inni tokko immoo fiigee dadhabnaan akka nama du'ee diriiree ciise yemmu kana Amaaqexichi bira gahee miilaa kaasee hamma ciraa mataatti fuunfate nama du'aa waan itti fakkatef dhiisee bira darbe. Yemmuu kana inni sila muka irra ture sun bu'ee "bineensi ammaa sun maal siin jedhee"? Jedhee gaafate. Inni sila du'aa fakkaatee ciisaa ture sun itti fufee "hiriyaa yeroo rakkoo si gatee dheessu hin hiriyoomfatin" naan jedhe jedhee erga itti himee lamaan isaaniyyuu addaan bahan jedhama. Egaa hiriyoota baay'ee qabaachuu dandeenya garuu hiriyaa isa kam qabna laata?. Isa akka baalaa, damee moo isa akka hundee sana?
-
LIVE
BonginoReport
1 hour agoJim Acosta Interviews AI Model of Parkland Shooting Victim - Hayley Caronia (Ep.105)
10,540 watching -
LIVE
Kim Iversen
1 hour agoEuropeans REFUSE to Visit the U.S.—Fear of Detention Under Trump | Is Iran Preparing for WAR?
4,360 watching -
1:57:50
Redacted News
2 hours agoTrump is making a HUGE mistake and MAGA is P*SSED | Redacted w Natali and Clayton Morris
89.8K151 -
Dr. Drew
4 hours agoBorder Czar Tom Homan: How Did An Illegal Alien Become A COP? w/ Dr. Michael Goodkin on Ivermectin Trial Fraud & Alex Krainer on Europe's Collapse – Ask Dr. Drew
2.66K1 -
31:10
Michael Franzese
2 hours agoThe Hidden Connection behind the Wave of Attacks EXPOSED
12.4K10 -
59:44
Preston Stewart
8 hours agoPokrovsk: Ukraine's Most Dangerous Front
533 -
4:42:31
Barry Cunningham
6 hours agoREACTING TO THE PRESIDENT TRUMP INTERVIEW ON CNBC! (THE CONTRAST OF COMMUNISM AND MORE NEWS))
85.3K9 -
22:00
Jasmin Laine
2 hours ago“$750B GONE”—U.S. HUMILIATES Carney Over Climate Lies in BRUTAL Public Takedown
2.39K11 -
LIVE
StoneMountain64
5 hours agoBATTLEFIELD 6 BETA Training and Prepping
313 watching -
1:14:11
vivafrei
4 hours agoAcosta AI Interview: Journalism or Exploitation? The War of the Jeans! Cincinnati Update & MORE!
80.9K20