Premium Only Content

Oduu haaraa dhaggeeffatamuu qabu
Oduu haaraa Torban kanaan
Torbee darbee eegalee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruu keessatti haleellaa qaamoleen hidhatan raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuun gabaafamaa jira.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Wiixata galgala (Fulbaana26, 2022) baaseen, godinichatti torbanoota sadii keessatti qofa haleellaa hidhattoota WBO kan Shanee jedhaman, humnootii hidhattoota Amaaraa -Faannoo fi namoota dhuunfaatiin raawwatameen namoonni nagaa 100 ajjeeffamuu ibseera.
Faallaa kanaan ammoo ibsi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Wixata baaseen qindoomina qaamolee nageenyaa mootummaa Federaalaa, Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoon dhalattoota Oromoo irratti ajjeeechaan raawwatameera'' jedha.
``Shamarree Hawwii Maatiyoos dorgommii Miidhaginaa ‘Miis Turiizimii Oromiyaa’ bara kanaa injifatte
Fulbaana 20, 2015 Shamarree Hawwii Maatiyoos dorgommii Miidhaginaa ‘Miis Turiizimii Oromiyaa’ bara kanaa injifatteetti.
Dorgommii kana irratti waliigalaan Shamarran 16 kan hirmaatan yoo ta'u marsaa sadiin calalamee dhuma irratti Shamarreen Hawwiin injifatteetti.
Miis Turiizimii Oromiyaa bara 2014 kan injifatte Haliimaa Abdushukur Ambaasaaddara Turizimii Oromiyaa Afriikaa Bahaa ta'uun muudamtee jirti.
Dorgimmiin kun yeroo lammaffaaf kan gaggeefame yoo ta'u Shamarreen Miis Oromiyaa ta'uun filatamte gama Turizimiitiin Oromiyaa kan beeksiftu ta'uu wayita waadaa galtu ibsitee jirti.
Dorgommicha 1ffaa-3ffaa kan ba’an badhaasa Birrii Kuma dhibba 1fi kuma 50 hanga Birrii kuma dhibba 2 badhaafamaniiru.
FBC
“Irreechi waltajjii guddummaan Oromoo ifee itti mul'atu, faajjii Nageenyaafi obbolummaati”
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
===
Aadaan ibsituu eenyummaa, sirna diinagdeefi bulchiinsaa, akkaataa nyaataafi uffannaa, haala gaddaafi gammachuu akkasumas waaqeffannaa saba tokkoo akeeka. Guddinaafi dagaaginni aadaa jijjiirama hawaasaa waliin wal sima waan ta’eef maddi guddina qaroominaa marti aadaadha jechuu dandeenya.
Ummanni Oromoo ummata falaasama addunyaa ittiin hubatuufi jiruufi jireenyaaf hiika itti kennu qabudha. Ummata Waaqni uumaaf uumamaa tokkichi jiraachuu sirna dhugeeffannaa ofii isaatiin mirkaneeffate, ummata sirna argaa dhageettiin beekumsa dilbii dhalootaa dhalootatti dabarsuu isa dandeessisu diriirse, ummata safuufi safeeffannaan hariiroo uumaafi uumamaa sirneesse, ummata sirna urjii irratti hundaa’uun dhaha dhahee taatee egeree raaguu isa dandeessisu boce, ummata sirna bulchiinsa ammayyaa waggoota kuma hedduu dura kalaqee qarooma addunyaaf gumaache, ummata guddaadha. Walumaagalatti ummanni Oromoo abbaa aadaa gabbataafi sirna jabaa dhaloota cehu ijaaruun beekamudha.
Irreecha Hiree Wayyoomaa
Kabajamaa Abbaa Sirna Gadaa Ummata Oromoo,
Kabajamtoota Ummattoota Itoophiyaa,
Hunda dura, baga bacaqii gannaa dabartanii, booqaa birraa arguuf geessan, baga gammaddan jechuun fedha. Uumaan rakkoo uumamaafi namtolchee nu dandamachiisee, diina xiqqaafi guddaa irra nu aansee, ifa birraa nu agarsiise haa ulfaatu!
Oromoon duudhaa Sirna Gadaarraa dhaaleen, ganni darbee birraan yammuu bari’u, Uumaa galateeffata. Waaqa dukkana gannaa dabarsitee, midhaan magarsitee, oyiruu miidhaqsitee, barii birraa nu agarsiifteef galata jechuun yaadata. Jiidha qabatee, ‘Mareehoo’ ‘Mareehoo’ jechaa Malkaa bu’uun irreeffata. Irreechi birraa hiree galateeffannaa Uumaa ganni darbee birraan yammuu bari’u sirna guddaadhaan kabajamuudha. Irra deebiin, Ummanni Oromoofi Itoophiyaanonni hundi baga geessan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.
Irreechi hiree nagayaati.
Jamaan irreeffannaaf Malkaa bu’u, irreecha/jiidha harkatti qabate malkaa cuuphee osoo hin irreeffatin dura gaaffii gurguddoo sadii deebisuu qaba. Abboottan Gadaa, “Isin waliif Nagayaa?”, “Isin Uumaaf Nagayaa?”, “Isin Uumamaaf Nagayaa?” kan jedhu gaafatu. Jamaan irreecha qabatee Malkaa bu’es, Malkaa tuquun dura “Nagayaa” jechuun deebisa. San booda irreechaan Malkaa tuqee “Mareehoo……. Mareehoo” jechuudhaan Uumaa isaa galateeffata.
Kanaafis, namni Irreecha beeku gadoo lagatee, Nagaa lallaba. Jaalalaafi tokkummaa, waltumsaafi obbolummaa utuba. Kenna kabajamaa Uumaarraa argateef beekamtii kenna. Waloomaafi waliin jireenya uumamaa dinqifachaa Uumaaf galata galcha. Waaqni Irreecha magarse namarraa galata argata. Namni ammoo jiidha Uumaan isaaf kenne qabatee Uumama dinqifata; Uumaa galteeffata. Namni Irreeffatu waliif, ollaaf, alaafi manaaf, biyyaafi alaalaaf nagaa ta’uu qaba.
Namni irreechaaf wayita deemu jibba dhiisuufi araara buusuu qaba. Irreechaa wayita deebi’us Gadoofi Jibba Qabachuu, Dabaafi Jal’ina Yaadachuurraa of qusachuu qaba. Irreeffachuun Gamtaan galateeffachuudha. Seerri Uumamaa akka hin dabne, Uumaan Uumamatti akka hin gaddineef Waaqa kadhachuudha. Kanaafuu, Irreechi Araara, Nagaa, Jaalalaafi Tokkummaadha. Santu seera, duudhaa, safuufi kudhaammata Sirna Gadaati.
Irreechi Hiree Qulqullummaati!
-
10:35
Warren Smith - Secret Scholar Society
1 day agoExposing the Illusion of Gary's Economics
46.7K11 -
13:14
Michael Button
1 day ago $2.12 earnedThere’s a Giant Hole in Human History
10.3K13 -
9:23
Russell Brand
21 hours agoThe TRUTH Behind Stephen Colbert's Downfall
52K74 -
17:47
T-SPLY
1 day agoDems Fume: L.A Protesters Clash With Federal Agents And National Guard...Again!
10.8K13 -
LIVE
Lofi Girl
2 years agolofi hip hop radio 📚 - beats to relax/study to
401 watching -
22:50
marcushouse
1 day ago $0.96 earnedStarship Tech Update Reveal, and Fire Time Already!? 🔥
10.5K5 -
53:17
The Car Guy Online
21 hours ago $1.30 earnedNextGen Engineer Reveals How GM Is Quietly Fixing 10-Speed Problems.
10.7K1 -
1:26:10
Squaring The Circle, A Randall Carlson Podcast
1 day ago#057 What REALLY Happened During The Younger Dryas - Squaring The Circle
8.29K3 -
14:53
Degenerate Jay
1 day ago $0.21 earnedThe Henry Cavill Superman Return - James Gunn Was Blindsided?
4.64K3 -
9:02
Freedom Frontline
1 day agoTucker Carlson Just EXPOSED Why You’ll Never Own a Home Again
3.28K2