Premium Only Content

IRREECHAA FI DUUDHAALEESAA
Irreechaa fi Duudhaaleesaa
Amantiifi Dhaabbata Amanataa
Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, waan saayinsiinis, barteenis ragaa ba'u tokko, Amntiin mataasaayyuuu aadaa ta'uusaati. Kana jechuun Aadaan amantaan oli jechuudha. Jaarmiyoota amantaa hundumaa duuba aadaan saba /biyya tokkoo ni jira. Kun waan wal nama falmisiisuu miti. Irreechis kan dhaabbata amantaan wal qabatu osoo hin taane, kan amantiin wal qabatu ta'uu mala. Sababnisaa maqaan Waaqaa waan keessa jiruufi.
Irreechis gocha Orom-duroo kan bara kuushotaarraa eegalee jiru ta'uu qorattoonni ragaa ba'u. Kana jechuun, kan dhaabbata amantaadha osoo hin taane aadaadha jechuudha. Jillisaa gocha ayyaanaafi hafuura waaqaa ofitti araarsuu yookaan galateeffachuuf raawwatamu, aadaa yookaan barsiifata hafuuraati akka jechuuti. Gochi akka kanaa ammoo amntiidha malee amantaa miti.
Adda addummaan dhaabbata amantaafi amantii /Religion and Faith/ namoota galeefiif kun yaada wal falmisiisaayyuu hin ta'u. Oromoon amantii ganamaa ni qaba. Innis Waaqatti amanuudha. Waaqa jechuun isaaf amantiidha malee amantaa miti. Sabni guddaan kun amantii kan qabuufi Waaqatti kan amanudha malee, amantaa /Religion ykn dhaabbata amantaa torbanitti yeroo tokko ykn waggaatti yeroo tokko dhaquufi dooktiriinii amantaa hordofu tokkicha qofaatti hin qabu.
Waggoota 30 as garuu jaarmiyaan amantaa /Religion amantii Oromoo ganamaa bu'ura godhate, Waaqeffannaa jedhamu uumameera. Kun ammoo waanuma barri gaafatu. Addunyaan amantiirraa gara amantaatti (dhaabbata amantiif gibira kaffaluufi wal argee waaqeffachuutti) waan dhufeef, hordoftoonni amantii Abbaa Oromoo gara dhaabbata amantaa ofii kan dooktiriinii mataasaa qabu qabaachuutti dhufan jechuudha.
Kanaaf, bara har'a kanatti miseensi amantaa dhaabbata Waaqeffannaa tokko Oromoo ta'usaa qofaan Oromoota miseensa amantaa biroo waliin waan inni qooddatu keessaa tokko amantiidha. Sababnisaa amantiin Oromoo Waaqa waan ta'eefi. Oromoon golee arfanirraa Amantaan adda adda ta'uu dandeenyus, Irri caalaan keenya garuu Waaqatti waan amannuuf, amantii tokko qooddanna.
Irreechi ammoo elements/caaculee Oromoon ittiin waaqa galateeffatudha malee, waaqeffatu miti. Oromoon Irreecha kan irreeffatuuf galatoofi. Galatoon ammoo kan waaqaati malee kan Waaqeffataa miti. Kana jechuun waaqa galateeffanna malee, waaqeffataa galateeffanna miti.
Ilmi Oromoo hunduu, Waaqeffataan, Kiristaanni, Musiliimniifi hordofaan amantaa kan biroo kamiyyuu Irreessa /cha akka aadaatti malee akka amantaatti ilaaluu dhabuunsaa sirriidha.
Warreen Irreechi amantiidha jedhanis ta'e warri Irreechi aadaadha jedhanis rakkoo wal hubachuuti malee lachanuu sirriidha. Garuu, warri Irreechi kan amantaa /dhaabbata waaqeffataati/ jedhan dogoggoroodha. Sababnisaa 'dhaabbanni amantaan Waaqeffannaa' jedhamu uumamuunsaa reef ganna 30yyuu waan hin guutnedha. (Hubadhaa DHAABBATA AMANTAA WAAQEFFANNAAN jedhe malee Amantii Waaqeffannaa jechaa hin jiru) Garuu amantiin /Faith 'Waaqatti amanuu' jedhamun yeroo Oromoon jirurraa eegalee kan jirudha.
Irreechi ammoo sirna galateeffannaa Waaqaati. Waaqa kan galateeffatu ammoo kan waaqa beeku hunda. Waaqatti amanuunsis aadaa Oromooti. Kun jiruufi jireenya Oromoo hunda keessattuu waan mul'atu.
Namoonni dhuunfaa, gareen ykn dhaabbatni Irreechi kan dhaabbata Waaqeffattootaati jedhu, bor ammoo 'Sirni Gadaa kan dhaabbata Waaqeffattootaati' jechuu hin oolu. Sababnisaa Sirni Gadaas akkuma Irreechaatti bu'aa jiruufi jireenya uummata Oromoo waan ta'eefi.
Walumaa galatti, Irreechis, Amantiinis, Gadaafi beekumsi uummata Oromoo hedduun Aadaa Oromooti. Wanti haaraa amma dhufe dhaabbata amantaa Waaqeffannaati malee amantii /Waaqa miti.
Obboleessakoo /obboleettiiko, Irreechi haraama miti. Irreechi kan amantaas miti. Irreechi aadaa sirna galateeffannaa waaqaa kan Oromooti. Yoo waaqatti amante, waaqni galateeffamuu qaba jetta ta'e, akkuma abbootakee kaleessaa, aadaa galateeffannaa isaaniitiin kottu galateeffadhu. Yoo ammoo lakki ani akkasitti hin galateeffadhu jette, kottu Irreechi aadaa ta'usaa beekiitii saba kee golee arfan Oromiyaarraa wal ga'u waliin wal argi.
Kun ijaarsa Oromummaa keessaa isa hangafa. Oromummaa jechuun Aadaa, afaan, eenyummaa Oromootiin sabboonuu jechuudha. Kun kan ta'u ammoo beekumsa abboota keenyaa akka bara waliin adeemutti itti fufsiisaadha. Irreechi gosaafi balbalarra ol darbee, Irreecha sabaa (kan sabni Oromoo biyya hundarraa irratti walitti qabamu) ta'ee kan ayyaaneffatamuu eegaleefis, Oromummaa jabeessuufi yaadameetu.
Qaamoleen gamaafi gamana dhaabbatanii, warri tokko Irreecha kan amantaa ofii hordofanii gochuuf dhidhiitatan, warri tokko ammoo irreechi kan Oromoo osoo hin taane kan warra abaluuti jechuun, amantaa ofiitti hirkatanii ofirraa dhiiban hunduu warra Oromummaa balaaleffatani. Isaan
-
LIVE
LFA TV
20 hours agoLFA TV ALL DAY STREAM - THURSDAY 7/24/25
1,355 watching -
1:07:35
vivafrei
3 hours agoWall Street Journal DOUBLING DOWN on Epstein! Lawyer in Canada DEBANKED! AND MORE!
83.9K24 -
4:42:20
Donut Operator
6 hours agoI'M BACK/ CRIME/ GAMEBOY CAMERA CHAD
88.6K4 -
9:51
Warren Smith - Secret Scholar Society
5 days agoThe Moment Tim Pool Discovered Why Andrew Wilson is so Unstoppable
27.7K26 -
28:23
Film Threat
5 hours agoLIVE FROM SAN DIEGO COMIC-CON! (Thursday) | Film Threat Live
12.9K -
1:40:00
The Quartering
3 hours agoEpstein Burnout, Hulk Hogan Dies, South Park Flops & Much More
113K36 -
10:05
Michael Button
7 hours ago $0.77 earnedGroundbreaking Discovery at Stonehenge Rewrites History
9.76K11 -
LIVE
RalliedLIVE
4 hours ago $2.98 earnedSPECIALIST ADDICTED MAN WINS WARZONE SOLOS
183 watching -
1:11:41
Sean Unpaved
5 hours agoBat Flips to Boardrooms: Jets QB Crossroads, Presidential Visits, & RedZone's TV Takeover
45.9K -
45:32
SportsPicks
5 hours agoCrick's Corner: Episode 51
13.5K